Itiyoophiyaan Keeniyaaf inarjii sa’aatii Kiiloowaatii 1 Birrii 24 fi saantima 07 dhiyeessuuf waliigalte

Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Keeniyaan waliigaltee dhiyeessii inarjii haaraa sa’aatiitti Kiiloowaatii 1 Birrii 24 fi saantima 07 dhiyeessuuf dandeessisu waliif mallatteessaniiru.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramoofi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Humna Elektirikaa Keeniyaa Dooktar Jooseef Siiroor mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun daldala elektirikaa biyyoota lameenii cimsuuf, naannawaa daangaatti dhiyeessii humna elektirikaa amansiisaa babal’isuufi walitti hidhamiinsa inarjii Gaanfa Afrikaa cimsuuf akka kaayyeffate ibsameera.

Injinar Geetuu Garramoo wayita kana biyyoonni ollaa Baha Afrikaa tokkummaafi tumsaan wayita hojjetan milkaa’ina olaanaa galmeessisuu akka danda’an waliigalteen kun agarsiistuudha jedhan.

Inarjiin madda qabeenyaa qofa osoo hin taane riqicha uummata hunda gara guddina diinagdee waaraatti ceesisu ta’uu kaasaniiru.

Dooktar Jooseef Siiroor gamasaaniin, waliigaltichi walitti hidhamiinsa humna elektirikaarra darbee tumsa nageenyaafi diinagdee biyyoota lameenii cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Kana malees tumsa humna elektirikaafi hariiroo dippiloomaasii byyoota lameenii fooyyessuurra darbee biyyoota Baha Afrikaatti sirna dhiyeessii humna elektirikaa qindaa’aa uumuuf tattaaffii godhamuuf daddammaqiinsa uuma jedhan.

Bu’uura waliigaltichaan Dhaabbanni Humna Elektirikaa Keeniyaa sa’aatii kiiloowaatii tokkotti Birrii 24 fi saantima 07 akkasumas Chaarjii diimaandiif Birrii kuma 1 fi 19 fi saantima 89 kanfala.
Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment