Finfinnee, Hagayya 17, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan tuurizimiin damee tumsa tarsiimawaa BRICS akka ta’uuf waamicha dhiyeessite.
Itiyoophiyaan walga’ii Ministiroota Tuurizimii fi Konfiraansii Ministiroota Ispoortii, Hindii magaalaa Jaaypuuritti gaggeeffame irratti hirmaachuun, biyyoonni miseensa BRICS ta’an tumsa hojii qabatamaa irratti xiyyeeffate akka taasisan yaada dhiheessiteetti.
Jilli Itiyoophiyaa waltajjii kanarratti hirmaate akka ibsetti, Itiyoophiyaan hambaa aadaa fi uumamaa addaa qabdu addunyaaf beeksisuun dorgommii ishee damee tuurizimii keessatti guddisuuf hojjechaa jirti. Keessumaa, damee tuurizimii keessatti teeknooloojii hubannoo namtolchee, kalaqa dijitaalaa fi misooma ogummaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennitee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afrikaa biyyoota BRICS waliin walqunnamsiisuu keessatti gahee qabu, akkasumas Finfinneen giddugala walga’iiwwan idil-addunyaa ta’uuf dandeettii qabdu hirmaattotaaf ibsameera.
Itiyoophiyaan maqaa gaarii isheen fiigicha fageenya dheeraa irratti qabdu gara tumsa diinagdee tarsiimawaatti jijjiiruuf, damee saayinsii fi misooma ispoortii keessatti, keessumaa misooma atileetotaa fi saayinsii ispoortii irratti, hojiin waloo sadarkaa olaanaa akka jiraatuuf gaafatteetti.
Hirmaannaa dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa ispoortii keessatti guddisuu, akkasumas ispoortiiwwan aadaa babal’isuuf waamicha dhiheessiteetti.
Akkasumas, faayidaa ispoortiin guddina diinagdee fi invastimantii keessatti qabu hubachuun, “Bu’uura Tumsa Ispoortii BRICS” hojii irra akka oolu yaada dhiheessite.
Itiyoophiyaan yaadota tumsa kanaa gara hojii qabatamaatti jijjiiruun, lammiilee isheef carraa hojii haaraa uumuuf, akkasumas hariiroo uummataa fi uummataa gidduu jiru caalaatti cimsuuf guutummaatti qophii ta’uu mirkaneessiteetti.
Itiyoophiyaan miseensummaa BRICS carraa diinagdee fi dipilomaasii babal’isuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ragaan Eembaasii Itiyoophiyaa Hinditti argamurraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia