Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaafi Pireezidantiin COP32 Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Itiyoophiyaan yaa’ii COP32 milkaa’inaan gaggeessuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ‘UNFCCC’ jalatti walga’ii hoggantoota jila garee biyyoota miseensa Arabaa irratti affeeramaniiru.
Miseensonni garichaas adeemsa COP32 irratti hoggansa Itiyoophiyaa fi Pireezdaantii filatamaa COP32 irraa amantaa qabaachuu ibsaniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaafi biyyoonni miseensa garee Arabaa hariiroo waggoota dheeraafi cimaa qabaachuu eeraniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gamasaaniin, kutannoofi qophaa’ummaa Itiyoophiyaan qaamolee hunda waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun COP32 milkaa’inaan qopheessuuf qabdu garichaaf mirkaneessaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa