Ityoophiyaan bu’uuraalee dijitaalaa guddinaaf bu’uura ta’ee tajaajilu ijaaraa jirti – Dooktar Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan bu’uuraalee dijitaalaa guddina waggootaan kurna itti aanaan keessa galmaa’uuf bu’uura ta’ee tajaajilu ijaaraa jirti jedhan Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Dooktar Warquu Gaachanaan.

Dooktar Warquu Gaachanaan Yaa’ii biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e irratti argamuun ibsa kennaniiru.

Yeroo ammaa teeknooloojii mandhalee Kilaawudiin kan qindaa’an oddeeffannoowwan damee qonnaa, fayyaa, Faayinaansii, barnootaa fi Inarjiin biyya keessatti hogganamanii fi afaanota Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheef galtee bu’uura ta’uun maddoota odeeffannoo qabatamaa ta’aniiru jedhan.

Daataa mataa keenyaa yoo hin qabaanne, Hubannoo Namtolcheen diina ta’a, Hubannoo Namtolchee kan mataa keenyaa yoo hin qabaanne ammoo ragaan ni manca’u jechuun ibsan.

Diijitaal Itiyoophiyaan 2030 hanqinaalee kanneen guutuuf kan became ta’uu eeran.

Ityoophiyaan yeroo ammaa bu’uuraalee dijitaalaa guddina biyyaaf bu’uura ta’ee tajaajilu ijaaraa jiraachuu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment