Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Jila Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetikisii Afrikaa Umrii waggaa 18 fi 20 gadii Naayijeeriyaa Abuukuutaatti gaggeeffame irratti hirmaateef Sagantaan badhaasaafi beekamtii kennuu gaggeeffameera.
Atileetota, leenjistoota, dursitoota gareefi miseensota jilichaa dorgommicharratti hirmaataniifi meedaaliyaa argamsiisaniif badhaasni kennameera.
Saganticharratti Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Atileet Silashii Sihiin dabalatee hoggantoonni federeeshinichaa biroon argamaniiru.
Dorgommichaan Itiyoophiyaan warqee 2, meetii 3 fi nahaasa 5 argatteetti.
Shaampiyoonaan Atileetikisii Afrikaa Umrii waggaa 18 fi 20 gadii Naayijeeriyaa Abuukuutaatti Adoolessa 9-13/2017’tti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.
Indaalkaachoo Wadaajeetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.