Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Jiraattonni Aanaalee fi bulchiinsota Magaalota Godina Arsii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo dhaabaa jiru.
Jiraattoonni kuma 800 ol ta’an dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo akka biyyaatti miiliyoona 800 milkeessuuf abdii dhaabaa jiru.
Bulchaan Aanaa Loodee Heexosaa obbo Alamaayyoo Raggaasaan guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol kan dhaabnu oomishaafi Omishtummaa qonnaan bultoota mirkaneessuufi jedhan.
Bulchaan Itti Aanaan Godina Arsii obbo Hirphaa Dhaabaan gama isaaniin, waggoota darban hojiiwwan Ashaaraa magariisaa akka godinichaatti hojjetamaniin fayyadamummaan hawaasaa qabatamaan mul’achaa dhufuu eeran.
Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabbuun seenaa biyyi keenya Addunyaa irratti galmeessituuf godinichi miiliyoona 42.6 ol dhaabuun ni mirkaneessa jedhan.
Olyaad Ahmadiin
#Oromia #Ethiopia