Karoorri Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob ittiin hogganamu ifoome

Finfinnee, Adoolessa 17, 2018 (FMC) – Sadarkaa biyyaalessaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob kan ittiin hogganamu Karoorri tarsiimawaan waggoota sadii guyyaa har’aa ifoomeera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Giddugala Tokkoo Federaalaa obbo Yoonaas Alamaayyoo akka jedhanitti, karoorri kun tajaajilichi sadarkaa biyyaalessaatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu akeeka.

Karoorri bakka hoggantoonni Tajaajila Giddugala Tokkoo naannolee argamanitti ifoome kun Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 ka’umsa godhachuun akka qophaa’es ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment