Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019(FMC)- Kitaabni Ida’amuu Afaan Raashiyaatti hiikamuun dubbisaaf gahe jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaa eebba kitaabichaa irratti qaamaan argamuun hirmaachuu isaaniitti gammachuu guddaan akka itti dhagahame ibsaniiru.
Milkaa’inni seena qabeessi kun falaasamni Ida’amuu beekumsa xabboo Itiyoophiyaa irraa ka’ee daangaa ce’uun gara guutuu addunyaatti babal’achaa deemuu isaaf ragaa qabatamaa ta’uu eeraniiru.
Kitaabichi Kanaan dura afaanota biyya keessaa dabalataan Ingiliffa, Afaan Chaayinaafi Arabaatti hiikamuun dubbistoota bira gahuu yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa kana yaadni Itiyoophiyaa daangaa ce’uun warreen Afaan Raashiyaa dubbatan bira gahuun waliingahiinsa idil-addunyaa falaasamichaa fi faayidaa dippiloomaasii caalmaatti akka guddisu ibsaniiru.
Tarkaanfiin kun falaasamni, duudhaaleefi yaadonni Ida’amuu Itiyoophiyaarra darbee uummata biroo bira akka gahuuf carraa haaraa uumuu dabalataan Itiyoophiyaan yaada bilchaataa kan mataa ishee addunyaaf gumaachitu akka qabdu qabatamaan kan agarsiisudha jedhaniiru.
Akkuma Raashiyaan Itiyoophiyaanota hedduuf bakka og-barruufi beekumsi itti baratamu ta’uun tajaajilte, amma immoo yaadni Itiyoophiyaa Afaan Raashiyaan dubbistoota Raashiyaa bira gahuun waljijjiirraa beekumsaa guutuu akka taasisu eeraniiru.
Hoggantootaafi Ogeeyyii miidiyaa ‘Russia Today’ (RT) milkaa’ina kanaaf qooda olaanaa bahataniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
Boqonnaan seena qabeessi kun beekumsa, aadaafi falaasamoota xabboo Itiyoophiyaa waltajjii idil-addunyaa irratti caalmaatti beeksisuufi uummattoota gidduutti riqicha aadaafi yaadaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa