Naannawaan qilleensaa keenya akka hin tuqamneef qophii gahaa taasisuutu nurraa eegama- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019(FMC)- Ijoolleen keenya biyya akka qabaataniif, naannawaan qilleensaa keenya akka hin tuqamneef qophii gahaa taasisuutu nurraa eegama jedhan Ministirri Muummee RDFI  Dooktar Abiy Ahimad.

Bu’uura waliigaltee Kanaan dura mootummaa Raashiyaa waliin taasifameen Itiyoophiyaan guyyaa har’aa jeettiiwwan waraanaa dhaloota 4ffaa SU-35 kudha lamaa fi sirna ittisa qilleensaa S-400, afur fudhatteetti.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad jeettiiwwan haaraa Itiyoophiyaan hidhatte kunneen yeroo kamiyyuu caalaa naannoo qilleensaa ishee eeggachuu ishee dandeessisu jedhan.

Waggoottan muraasa dura dorgommii olaantummaa humna qilleensaa adunyaa irratti taasifamu hubachuun mootummaa Raashiyaa waliin waliigaltee jeettii waraanaa dhaloota 4ffaa SU-35 mallatteessuu yaadachiisaniiru.

Akkaataa waliigaltichaan dhiyeessiin jeettiiwwan kanneenii bara 2027 ta’us wayita Hinditti turtii taasisne Pireezidaanti Puutiin dursa kennanii akka nuuf dhiyeessaniif gaaffii gaafanneen marsaa jalqabaan jeettiiwwan waraanaa SU-35 kudha lama fudhanneerra jedhaniiru.

Dabalataanis baatiriiwwan sirna ittisa qilleensaa S-400 afur Itiyoophiyaan akka fudhatte dubbataniiru.

Dhimmoonni kunneen Itiyoophiyaaf hiikkaa guddaa akka qaban kaasanii, muddamni biyyoota garaagaraatti ammaa mul’atu yeroo nageenyaatti qophii barbaachisaa taasisuu dhabuurraa akka madde ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya diinota hedduun marfamte ta’uu eeranii, ijoolleen keenya biyya akka qabaataniif; naannoon qilleensaa keenya akka hin tuqamneef qophii gahaa taasisuutu nurraa eegama jedhaniiru.

Jeettiin waraanaa SU-35 addunyaarratti filatamaa fi teeknooloojii ammayyaan kan deeggarame ta’uu kaasanii, miisaa’ela kiruuz qolachuuf dandeettii olaanaa akka qabus ibsaniiru.

Dandeettii kana ijaaruu yoo baanne naannawichatti akka biyyaatti jiraachuun rakkisaa ta’a jedhanii, Kanaafis humna namaa leenjisaa turuu ibsaniiru.

Jeettiiwwan waraanaa SU-30 fi SU-35 hidhanne gahumsaan naannoo qilleensaa Itiyoophiyaa tiksuuf ni gargaaru jedhan.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment