Komishinichi ajandaalee marii biyyaalessaa dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviiliif dhiyeesse

Finfinnee, Caamsaa 14, 2018 (FMC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa ajandaalee yaa’ii marii biyyaalessaa dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviiliif dhiyeesseera.

Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana, hojiin ajandaalee yaa’ii marii biyyaalessaa irratti dhiyaatan dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviilii waliin mirkaneessuu amanamummaa marichaa guddisa jedhan.

Komishinichi boqonnaa ajandaa bocuu, qindeessuufi cimsuu irratti akka argamu eeranii, hojii ajandaalee yaa’ii marii biyyaalessaa irratti dhiyaatan qaamolee qooda fudhattootaa waliin mirkaneessuu hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Komishinichi ajandaa boce dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviiliif dhiyeessuun galtee walitti qabaa jiraachuu ibsaniiru.

Pireezidaantii Itti aanaan Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Ahimad Huseen gama isaaniin, hojiin ajandaa mirkaneessuu tarkaanfii guddaa mariiwwan itti aananiif bu’uura kaa’udha jedhaniiru.

Ajandaaleen filataman gaaffiiwwan lammiilee irratti kan hundaa’an ta’uu kaasanii, gaaffiiwwan dubartootaa, dargaggootaafi qaama miidhamtootaa dabalatee gaaffii hawaasaa hundaa akka deebisu eeraniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment