Magaalaa Shaggaritti Ayyaana bara haaraaf oomishni gahaan dhiyaate- Waajjiricha

Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC)- Magaalaa Shaggaritti Ayyaana bara haaraa 2019’f oomishaaleen bu’uuraa gahaan dhiyaataniiru jedhe Waajjirri Daldalaa Magaalichaa.

Itti gaafatamaan Waajjirichaa Bariisoo Tamasgeen Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, Ayyaanicha sababeeffachuun kutaalee magaalotaa hunda keessatti baazaariiwwan banaman irratti oomishaaleen bu’uuraa gahaan hawaasaaf dhiyaachaa jiru.

Dabalataanis gabaa Dilbataan oomishaaleen qonnaa gatii madaalawaan dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanichaaf beelladoonni qalmaaf oolan gahaan dhiyaachuus eeraniiru.

Daballii gatii hin malle ittisuuf hojiin to’annoofi hordoffii hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hawaasnis daldaltoota daballii gatii hin malle taasisan wayita argu eeruu akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.

Abeel Nawaayiin.

Comments (0)
Add Comment