Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) — Tumsi damee albuudaa Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa bu’aa waloo ni mirkaneessa jedhan Daayirektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Dooktar Abdulwaasaa Abdullaahii.
Inistiitiyuutichi Gamtaa Awurooppaa waliin waltajjii marii imaammataa albuudota barbaachisummaa olaanaa qabanii gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti dippilomaatonni Gamtaa Awurooppaa, qorattoonni damee albuudaa, qopheessitoonni imaammataa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.
Dooktar Abdulwaasaa Abdullaahiin wayita kana akka ibsanitti, dameen albuudaa utubaalee dinagdee ijoo Itiyoophiyaa shanan keessaa isa tokko.
Dameen albuudaa invastimantii biyya alaa hawwachuuf mijataa akka ta’uuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.
Dameen kun dippilomaasii dinagdee cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, Itiyoophiyaan dandeettii damee kanaa irraa fayyadamuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.
Gamtaa Awurooppaa waliin tumsa invastimantii jiru caalaatti guddisuuf damee albuudaa akka filannoo tokkootti fayyadamuuf karoorfamuus eeraniiru.
Tumsi gam-lameen uumamus faayidaa hedduu akka qabu ibsameera.
Dameen albuudaa dabarsa teeknooloojii, waljijjiirraa muuxannoo fi carraa hojii uumuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu eerameera.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Heebroon Waaltaawutu gabaase