Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti Ayyaana bara haaraaf oomishaaleen bu’uuraa gatii madaalawaan dhiyaachaa jiru.
Faanaa Diijitaal daawwannaa Giddugala Gabaa Hundagaleessa Laaftoofi iddoowwan garaagaraatti taasiseen, ayyaana bara haaraaf oomishaaleen bu’uuraa gahaan hawaasaaf dhiyaachaa akka jiran argeera.
Jiraattonni oomishaalee bu’uuraa ayyaanaaf oolan giddugaloota gabaa iddoowwan garaagaraatti qophaa’anitti dhamaatii malee wayita bitanis ilaaleera.
Daldaltoonni Faanaa Diijitaaliif yaada kennanis, meeshaaleen bu’uuraa gahaan guutuu biyyattiirraa seenaa jiraachuu fi ayyaanichaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun haala Kanaan duraarraa adda ta’een sosochiin daldalaa dabalaa akka jiru ibsan.
Hanqinni dhiyeessii waan hin jirreef oomishaalee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessaa akka jiran kaasaniiru.
Shammattoonni gamasaaniin, Ayyaana bara haaraafi ayyaanota baatii Fulbaanaa keessa kabajamaniif dhiyeessiin oomishaalee bu’uuraa jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanota sababeeffachuun daballiin gatii hin malleefi hanqinni dhiyeessii akka hin uumamneef hordoffii taasisuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Biiroon Daldalaa Magaalichaa ibsa tibbana kenneen Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii akka hin uumamneef naannoleefi magaalota ollaa waliin qindoominaan hojjechaa turuu beeksiseera.
Sosochiiwwan daldala seeraan alaa sadarkaa garaagaraatti raawwataman ittisuufi hojii gabaa tasgabbeessuuf koreen hundaa’ee hojii eegaluus ibseera.
Jiraattonni magaalichaas sosochii daldala seeraan alaa wayita argan karaa toora bilbila bilisaa 8588’n eeruu akka kennu waamicha dhiyeesseera.
Malkaam Fiqaaduun.