Magaalichatti bara baajataa 2019’tti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob 20 ni banamu

Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob haaraan 20 bara baajataa qabametti ni banamu jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Xumurri waltajjii marii karoora waggoota shanan itti aananiifi kan bara baajataa 2019 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaggeeffameera.

Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana, filannoo irratti waadaa uummataaf galle raawwachuuf kutannoon hojjechuun magaalaa Finfinnee magaalaa fakkeenya qabdu ni taasifna jedhaniiru.

Karoorri tarsiimawaa magaalichaa waggoota shanan dhufanitti hojiirra oolu mul’ata, imaammataafi tarsiimoo biyyaalessaa waliin kan walsimsiifame ta’uus eeraniiru.

Haaluma Kanaan ijaarsa dhaabbataa, bu’uuraalee misoomaa qindaa’aafi qulqullina qabu, diinagdee magariisaa cimaa uumuu, dandeettii faayinaansii cimsuufi nageenyaafi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa magaalicha keessa Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob 11 jiraachuu eeranii, bara baajataa 2019’tti haaraan 20 kan banaman ta’uu kaasaniiru.

Tajaajilli Guddugala Tokkoo Masoob kunneen kan banaman aanaalee kilaastaraan gurmeessuun ta’uufi waggoota shanan itti aananitti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob 66 banuuf karoorfamuu eeraniiru.

Dameewwan hundaan tajaajila si’ataafi ammayyaa kennuuf tattaaffiin eegalame cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment