Nageenya Saayibarii fi Itti fayyadama Teeknooloojii sirna barnootaa waliin qindeessuun murteessadha – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Dhaloota qormaatilee dandamachuu danda’u horachuuf nageenya Saayibarii fi Itti fayyadama Teeknooloojii sirna barnootaa waliin qindeessuun murteessadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo, leenjii kaampii gannaa dandeettii saayibarii biyyaalessaa (National Cyber Talent Summer Camp Challenge)tiin leenjifamtoota marsaa 5ffaan leenjisaa ture eebbisiiseera.

Addunyaan warraaksa Indaastirii 4ffaatti ce’aa jiraachuu kan ibsan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan, hojiin barachuu, oomishuu fi walqunnamtii gara Teeknooloojiitti jijjiiramaa jiraachuu ibsan.

Barnoota Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa (STEM) cimsuun, dandeettii barattootaa gadi fageenyaan yaaduu guddisuu fi dandeettii kalaqaa isaanii jajjabeessuun humna namaa yeroo ammaa wajjin walsimu horachuuf murteessaa ta’uu eeran.

Fayyadamni teeknooloojii dijitaalaa dandeettiiwwan teeknooloojii bu’uuraa qofa osoo hin taane, dhimma naamusaa, itti gaafatamummaa fi nageenyaa ta’uu isaa hubachiisan.

Bu’uuraalee misooma dijitaalaa biyyaalessaa eeguu, dandeettii teeknooloojii guddisuu fi birmadummaa dijitaalaa mirkaneessuuf dhaloota beekumsa, dandeettii fi itti gaafatamummaan ijaarame horachuu akka gaafatu dubbachuu isaanii ragaan Bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment