Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob 9ffaan Kutaa Magaalaa Eekkaatti hojii eegaleera.
Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastrii Magaalichaa obbo Zyaanxiraar Abbay wayita kana bulchiinsi magaalichaa rakkoolee tajaajila irratti mul’atan furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.
Tajaajiloonni giddugala kanaan kennamanis hariiroo mootummaafi uummataa caalmaatti kan cimsan ta’uu kaasanii, dhiyeenyattis kutaalee magaalichaa hunda keessatti Tajaajila Giddugala tokkoon tajaajila kennuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Haannaa Bayyanaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia