Magaalota Dabra Maarqoos fi Injibaaraatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019(FMC)- Naannoo Amaaraa magaalota Dabra Maarqoos fi Injibaaraatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa gaggeeffamaa jira.
 
Hiriira kanarratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dubartoonnifi dargaggoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.
 
Namoonni hiriira deeggarsaa kanarratti hirmaatan dhaadannoowwan aantummaa uummataa fi gootummaa raayyichaa akkasumas gaachana biyyaa ta’uusaa ibsan dhageessisaniiru.
 
Dabalataanis ergaawwan faayidaa biyyaalessaa keessumaa gaaffii ulaa galaanaa calaqqisiisanis dhageessisaniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment