Ummata Tigraay cunqursaa garee ABUT jalaa bahuun fuula gara misoomaatti deeffate

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) – Ummatni Tigraay baroota dheeraaf cunqursaa garee ABUT’n miidhamaa tureera.

Ummatichi misoomaaf murannoo gaarii qabaatus qaama bilisan si baasa jedhuun miidhamaa tureera.

Gareen seeraan alaa ABUT ammoo maqaa ummata Tigraayiin daldaluun barootaaf ummata naannichaa qananiirraa fageessera.

Baroota dheeraaf bakka bu’aa ummata Tigraay ofiin jechuun ummanni isa tumsuu baatus dirqiin waraanatti fudhachuun rakkoo fi gidiraa adda addaaf saaxileera.

Ummanni naannichaa hiriira garaagaraa bahuun garee seeraan alaa ABUT balaalleffateera.

Ummattoonni Itiyoophiyaa biroos sagalee akka ta’uuf gaafateera.

Mootummaan Federaalaa Ummanni Tigraay misooma isaaf malu akka argatu, naannicha irra deebiin ijaaruu fi misoomsuuf murannoo qabaachuu mul’iseera.

Ummanni Tigraayis akkuma naannoo biroo naannichatti misoomnii fi nageenyi akka waaru barbaada.

ABUT naannoo Tigraayitti dhaloonni Itti aanu akka hin jiraanne hojjeteera, isaan booda Tigraay akka hin jiraanne dhama’eera, ani yoonaan hin jiraanne Ummanni Tigraay hin jiraatu, jechaa turus hin milkoofne jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Haa ta’uutii garichi umrii isaa dheeressuuf Ummata Tigraayitti fayyadamuuf yaalus fedhiin dhugaa ummata Tigraay garuu misooma, nageenyaa, walqixxummaa fi waloon jiraachuudha.

Amma ummanni naannichaa cunqursaa garichaa jalaa bahuun fuula isaa gara misoomaa fi nageenyatti deeffachaa jira.

Beetaliheem Girmaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment