Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019(FMC)- Qormaatilee mudatan injifannoon bahuuf tokkummaa keessoofi dandeettii Raayyaa Ittisaa cimsuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaan.
Waltajjiin marii imaammataa gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaafi haalota naannawaa egeree Baha Afrikaa bocan akkasumas yaaddoowwan dorgommii tarsiimawaa qorachuuf kan kaayyeffatedha.
Obbo Geetaachoo Raddaan wayita kana, qormaatilee mudatan injifannoon bahuuf tokkummaa keessoofi dandeettii raayyaa ittisaa cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa