Malaammaltummaa qolachuuf miseensota Kaabinee dhiyaatanirratti qorannoo olaanaan taasifameera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Miseensonni Kaabinee Mootummaa Ida’amuu ta’uun dhiyaatan Hannaa fi Malaammaltummaarraa bilisa ta’uu isaanii qorannoo olaanaan taasifameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Miseensota kanneenirratti iccitiin qorannoon itti fufiinsa qabu gaggeeffamaa turuu himan Dooktar Abiy Ahimad wayita kaadhimamtoota Kaabinee dhiyeessan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 1ffaa Bara hojii 7ffaa har’a taa’een muudama Miseensoota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu ta’uun dhiyaatan raggaasiseera.

Namoonni kunneen sosochii biyya keessaa fi alaatti taasisaniin hannaa fi malaammaltummaarraa bilisa ta’uu isaanii itti dhiyeenyaan hordofamaa turuu himan.

Qabeenya kamiiyyuu waliin hariiroo akka hin qaabaanne sirnaan qoratamuu ibsan.

Hordoffii qofa osoo hin taane namoonni dhuunfaan kunneen waan ittiin hamatamanii fi shakkamaniin ifatti qoratamuu isaanii dubbatan.

Akkasuma baatii tokkoo fi walakkaa oliif leenjii qormaataan deeggarame daran cimaa ta’e fudhachuu isaanii eeran.
Teediroos Saahileetiin

#MootummaaIda‘amuu

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment