Manni Maree abbaa Imaanichaa ergama isaa yeroo jedhame keessatti xumuruuf socho’aa jira – Dooktar Teediroos Aragaayi

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Manni Maree abbaa Imaanichaa ergama isaa yeroo jedhame keessatti xumuruuf socho’aa jira jedhan Raawwachiisaa Olaanaan Diinagdee fi Deebisaanii ijaaruu Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraay Dooktar Teediroos Aragaayi.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bulchiinsa imaanaa naannichaa waliin tarkaanfilee fudhataman, qormaatilee mudatanii fi dhimmoota waloo dursa barbaadaan gamaaggamaniiru.

Hojiilee hanga ammaatti hojjetamanii fi yeroo itti aanu raawwachuuf karoorfaman ilaalchisee Dooktar Teediroos ibsa taasisaniiru.

Aanaalee fi godinaaleetti hoggansa ramaduun hojiileen bulchiinsaa hojjetamaa jiraachuu himuun, tajaajiloonni mootummaa adda citanii turan irra deebiin eegaluu kaasan.

Nageenyaa fi tasgabbii walqabatee yaaddoowwan turuu eeruun, adeemsa keessa yaaddoowwan kunneen hir’isuun uummanni sodaa tokko malee socho’ee hojii isaa akka raawwatu taasisuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Sosochiin daldalaa si’oomuufi buufataaleen boba’aa banamuun boba’aan gara naannichaa seenaa jiraachuu ibsan.

Sababa hongee muudateen lammiilee naannichaa rakkoof saaxilamaniif deeggarsa dhiyaachaa jiraachuus dubbataniiru.

Hojiileen kunneen guyyoota 45’n darban keessatti kan raawwataman yoo ta’u, yeroo itti aanus cimanii kan itti fufan ta’uu eeran.

Nageenyi naannichaa akka fooyya’uuf hojiiwwan guguddaatu nu irraa eegaman kan jedhan Dooktar Teediroos, Uummata dameewwan hundaan hirmaachisuun hojjechuuf qophiidha jedhan.

Immabeet Sisaayiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment