Naannoo Tigraayitti tajaajilli Geejjiba Magaalaa Maqalee gara magaalota naannichaa hundatti eegale

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Naannoo Tigraayitti tajaajilli Geejjiba Magaalaa Maqalee gara magaalota naannichaa hundaatti idileen eegale‎era.

Maqalee ka’uun gara magaaloota naannichaa hundaatti haala dura turetti guutumaan guutuutti deebi’era.

Konkolaatoonni tajaajila kana kennuuf ramadaman, kanneen imaltoota 24 hanga 60 qabachuu danda’an, akkasumas konkolaataa giddu galeessaa fi guguddoo ta’an, har’a irraa eegalee tajaajila isaanii idilee jalqabaniiru.

‎Konkolaatoonni kunneen Maqalee gara magaalota Tigraay garaagaraatti imalanii, Maqaleetti akka deebi’an boba’aan gahaan dhiyeessuun itti fufa jedhame.

‎Biiroon Geejjibaa fi Daandii tajaajilamtoonni taarifa sirriin tajaajila akka argatan hordoffii fi to’annoo cimaa taasisaa jiraachuu ibsameera.

Ashaannaafii Shibbiruutiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment