Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Godina Lixa Oromiyaa, Aanaa Guutoo Giddaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu Muuzii gaggeeffameera.
Bulchaan Godina Lixa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuun Sagantaa dhaabbii biqiltuu Muuzii kana eegalchiisaniiru.
Birmadummaa dinagdee mirkaneessuuf oomishaalee sadarkaa hundatti dabaluun murteessaa ta’uu ibsan obbo Masfin Malaakuun.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Luluu Qixxaataan gama isaaniin bara kana godinichatti lafa hektaara kuma 12 ol irratti Muuzii misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Inisheetiviin kun galii qonnaan bultootaa dabaluu, carraa hojii uumuu fi dinagdee maatii guddisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.
Galaanaa Tasfaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa