Finfinnee, Eebila 15, 2018 (FMC) – Manni Maree Biriteen dhalooti haaraan tamboo akka hin binne kan dhorku, seera “dhaloota tamboo irraa walabaa” raggaasiseera.
Seerri manni maree biyyattii raggaasise kun, lammiilee Biriteen bara 2008 booda dhalatan sijaaraa fi oomishaaleen tamboo biroo akka hin binne kan dhorku ta’uun ibsameera.
Dhorkiin kun tarkaanfiiwwan farra tamboo addunyaa irratti hanga ammaatti turan keessaa isa cimaa ta’uun ibsameera.
Seerri kun hojiirra ooluuf eeyyama ykn mallattoo Mootii Chaarlis 3ffaa qofa kan eggatu yoo ta’u, bara haaraa Faranjootaa dhufu irraa eegalee Ingilaand, Weelsi, Iskootilaand fi Ayerlaand Kaabaa keessatti hojiirra akka oolu eerameera.
Ministiirri Fayyaa biyyattii Wes IStiriiting, ragga’uun seera kanaa miidhaalee tamboo waliin walqabatan dhaabuuf tarkaanfii guddaa ta’uu dubbachuu isaanii Novinite.com gabaaseera.
Amalawarq Damiseetiin
#Oromia #Ethiopia