Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC)- Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Yaa’ii idilee 1ffaa waggaa 2ffaa gaggeessaa jira.
Yaa’icharratti miseensonni hojii raawwachiiftuu Mana Maree naannolee, Ulaamootaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islamuummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaa, tokkummaa keenya cimsannee, waldandeenyee, biyya keenya ceesisuuf mootummaa bira dhaabbachuu qabna jedhan.
Pireezidaantii IttiaAanaan Mana Maricha Sheek Abduul Kariim Sheek Badiraddiin, gamasaaniin, waggoottan darban hawaasa musliimaa qofaaf osoo hin taane hojii misoomaa Mootummaan hojjete dinqisiifachuun hawaasni mootummaa waliin akka dhaabbatu akka qabu dhaamaniiru.
Yaa’ichi guyyoota 2f kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.