Komishinar Jeneraal Dammaallaash Gabramikaa’el Barreessaa Olaanaa Giddugala Meeshaalee Waraanaa Xixiqqaa Baha Afrikaa Waliin Mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinarri Jeneraal Dammaallaash Gabramikaa’el Barreessaa Olaanaa Giddugala Meeshaalee Waraanaa Xixiqqaa Baha Afrikaa (RECSA) Mistaara Jaan Piyeer waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuu, hojiirra oolmaa Pirootokoolii Naayiroobii cimsuu fi itti gaafatamummaa RECSA guddisuu irratti kan xiyyeeffateedha.

Komiishinar Jeneraal Dammaallaash yeroo kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan hundeessitoota jalqabaa Pirootokoolii Naayiroobii keessaa tokko ta’uu isheetiin, Sekireetariyaatota RECSA keessatti hirmaannaa maluuf argachuu qabdi.

Kana malees, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ogeeyyii biyya keessaa fayyadamuun moosaajii kuusaa ragaa meeshaalee waraanaa haaraa qopheessee hojiirra oolchuu isaa ibsaniiru.

Akkasumas, hojii mallattoo addaa meeshaalee waraanaa irratti kaa’uu cimsuun itti fufuu fi daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuuf RECSA waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Marii isaanii booda Barreessaan Olaanaa Mistar Jaan Piyeer sirna kuusaa ragaa meeshaalee waraanaa fi teeknooloojiiwwan ammayyaa waajjira muummee Poolisii Federaalaa keessatti argaman daawwataniiru.

Teeknooloojiiwwan daawwataniif dinqisiifannaa isaanii ibsuun, muuxannoowwan kunneen biyyoota Afrikaa biroo keessattis babal’achuu akka qaban dubbachuu isaanii odeeffannoon oolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment