Hirmaattonni Waltajjii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa Hojiilee Misoomaa Magaalaa Finfinnee Daawwatan

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Hirmaattonni Waltajjii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa hojiiwwan misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hirmaattonni kunneen daawwannaa isaanii keessatti pirojektoota misooma koridarii fi qarqara laggeenii, Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob, akkasumas bu’uuraalee misoomaa biroo namooma irratti xiyyeeffatan daawwachuun muuxannoo jijjiirama misoomaa magaalattii keessatti galmaa’aa jiru qooddataniiru.

Hirmaattonni daawwannaa kanaa yaada kennaniin, sagantaan kun Finfinneen dameewwan misooma magaalotaa, eegumsa naannoo, ijaarsa iddoowwan bashannana uummataa fi qindoomina magaalotaa ammayyaa irratti hojii fakkeenya ta’u hojjechaa jirtu qaamaan ilaaluu fi muuxannoo irraa argachuuf carraa guddaa isaaniif uumuu ibsaniiru.

Muuxannoowwan haaromsa magaalotaa fi misoomaa Itiyoophiyaan qabdu biyyoota Afrikaa biroof barumsa guddaa kan kennan ta’uu illee dubbataniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment