Manni marichaa lammiilee Godina Gaamoof deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasise

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa lammiilee Godina Gaamootti balaa sigigaa lafaa fi lolaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasiseera.

‎Af Yaa’ii Itti Aantuun mana marichaa Aadde Loomii Badhoo dabalatee miseensonni mana marichaa qaamaan argamuun lammiilee kanneen jajjabeessaniiru.

Manni marichaa aantummaaf qabu agarsiisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasiseera jedhan Aadde Loomii Badhoon.‎

‎Bulchaan Godina Gaamoo Dooktar Damissi Admaasuun deebii saffisaa fi aantummaa manni marichaa ummata Godina Gaamoof agarsiise galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment