Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) – Yaa’iin marii biyyoolessaa wal-dhabdee mariidhaan furuun, Itiyoophiyaa fooyya’iinsa qabdu ijaaranii dhalootaaf dabarsuuf carraa guddaa uuma jedhan hirmaattonni marichaa.
Hirmaattonni akka jedhanitti, mariin kun adeemsa hirmaattota 10 irraa kaasee hanga kuna 4tti , mari’attoonni kutaalee hawaasaa adda addaa irraa bakka bu’an bilisaan yaada isaanii akka dhiyeessan carraa uumeera.
Hirmaattuun marii kanaa Alamtsahaay Asaffaa akka jedhanitti, maricha keessatti hirmaataan dhuunfaa hundi bilisaan yaada isaa akka dhiyeessu taasifameera.
Akkasumas adeemsi isaa gadi irraa kaasee bifa gurmaa’een sadarkaa hirmaannaa adda addaa dabarsee gaggeeffamaa jiraachuu eeran.
Miidiyaalee hawaasaa irratti “murteen ni murtaa’a, hirmaattota irratti dhiibbaan ni taasifama” jedhamee ololli tamsa’aa ture dhugaa irraa fagaachuu cimsitanii hubachiisaniiru.
Hirmaataan biraa Chuunkeed Deevid gama isaaniin, adeemsa marii kana keessatti hirmaattonni bilisaan yaada isaanii akka dhiyeessan carraan uumamuu ibsaniiru.
Yaadonni marii irratti ka’an wal-hubannaa biyyoolessaa mirkaneessuufi biyya badhaate dhalootaaf dabarsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa kun rakkoolee gad-fageenya qaban mariidhaan furuuf carraa guddaa ta’uu kan ibsan immoo hirmaataa biraa Adam Mahaammad.
Rakkoolee kana humnaan furuuf yaaliin taasifame Itiyoophiyaa akka miidhaanture eeranii; marichi garuu dhaloota dhufuuf Itiyoophiyaa fooyya’iinsa qabdu ijaaruuf carraa akka kennu dubbatan.