Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC)- Yaa’iin marii biyyaalessaa waliigaltee Itiyoophiyaaf bu’uura cimaa kaa’aa jira jedhan mari’attoonni Paartilee Siyaasaa yaa’icharratti hirmaachaa jiran.
Adda Bilisummaa Afaar bakka bu’uun maricharratti hirmaachaa kan jiran Hajii Ismaa’el Mahaammad akka jedhanitti, adeemsi marichaa qaamolee qooda fudhattootaa hunda hammachuun karaa ammayyaan gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi mari’attoonni yaadota isaanii bilisummaan kan irratti calaqqisiisan waan ta’eef nageenya waaraafi waliigaltee biyyaalessaa mirkaneessuuf carraa gaarii uumaa jira jedhan.
Carraa seena qabeessi kun imala misoomaafi diimokiraasii biyyattii saffisiisuu keessattis boqonnaa murteessaa kan saaqu ta’uu kaasan.
Sosochii Bilisummaa Sidaamaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiran Damisee Sukkaareen ammoo adeemsi marichaa jalqabii isaarraa eegalee iftoominaafi hirmaachisummaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.
Marichi ijaarsa sirna diimokiraasii biyyattiif qooda olaanaa akka qabus dubbataniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa sagaleen mari’attoota hundaa kan itti dhaggeeffatame ta’uu kan ibsan ammoo Paartii Diimookiraatawaa Walloo bakka bu’uun hirmaachaa kan jiran Natsaannat Xaasoodha.
Mari’attoonni akka wal beekaniifi hariiroo gaarii akka uumaniif carraa guddaa uumuus dubbataniiru.
Waltajjicha irratti yaadonni ijaarsaa Itiyoophiyaa ceesisan ka’aa jiraachuu; aadaa waldhaggeeffachuufi waliigaltee cimsuuf carraa guddaa ta’uus ibsaniiru.
Kutaaleen hawaasaa hundi keessatti hammatamuun tattaaffii biyya fooyyofte waloon ijaaruuf taasifamu akka cimsu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia