Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffameen Paartiin Badhaadhinaa sagalee ummataa olaanaa argate mootummaa hundeesseera.
Mootummaan Ida’amuu haaraan Wiixata darbe ifatti erga hundaa’ee booda gurmaa’insa fi qaama hojii raawwachiiftuu beeksiseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Addaa jalqabaa bara hojii 7ffaa kaleesse gaggeesseen Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasiseera.
Manneen hojii qaama raawwachiiftuu Mootummaa waggoottan shanan darban keessatti hanqinaalee turan furuuf wixineen labsichaa kan deeggaruu fi mirgi namoomaa fi dimookiraasii lammiilee akka kabajamuu fi sadarkaan jireenyaa ummataa akka fooyya’u ni gargaara jedhameera.
Har’a ammoo Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 1ffaa bara hojii 7ffaa gaggeesseen muudama kaabinee mootummaa Ida’amuu dhiyaatan raggaasiseera.
Miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuun muudaman Ministiroota 22 keessaa 9 dubartoota.
Kaabinoota mootummaa Ida’amuu kan dhiyeessan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, gaggeessummaan yeroo hundaa mana barnootaa ooluu ta’uu himan.
Ulaagaan muudamichaa qophaa’ummaa barnootaa, dandeettii raawwachuu, sirreessuu fi koorniyaa, amantii fi saba bu’uuraa kan godhate ta’uu eeran.
Miseensonni Kaabinee Mootummaa Ida’amuu ta’uun dhiyaatan Hannaa fi Malaammaltummaarraa bilisa ta’uu isaanii qorannoo olaanaan taasifamuu dubbatan.
Imala gaggeessummaa keessatti si’oomina qabaachuu, haalota jijjiiramaa deeman dursanii tilmaamuu fi yaada furmaataaf of-qopheessuun murteessaa ta’uu hubachiisan.
Muudamni qananii osoo hin taane itti gaafatamummaafi dadhabbii guddaa ta’uu ibsan.
Hoggantoonni filataman adeemsa yookaan guddina bu’aa qofaan osoo hin taane, jijjiirama qabatamaa isaan fidaniin kan madaalaman ta’uus eeran.
Miseensonni Kaabinee Mootummaa Ida’amuu ta’uun muudamanis damee hojiirratti bobbaaneen cimnee hojjechuuf qophoofnerra jedhan.
Itiyoophiyaafi Itiyoophiyaanota hangan danda’u tajaajiluuf itti gaafatamummaa koo bahuuf qophaa’eera jedhan Itti Aanaa Ministira Muummee ta’uun irra deebiin kan muudaman obbo Tamasgeen Xurunaan.
Hojiilee riifoormii damee barnootaan eegalaman caalmaatti itti fufsiisuuf murannoo olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan himaniiru.
Itiyoophiyaa giddugaleessa godhachuu, faayidaa biyyaalessaa dhimma kamiifuu dabarsanii kennuu dhiisuu, akkasumas garaagarummaa jiru mariidhaan furuuf muuxannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Qabeenya kuufamaa Itiyoophiyaan qabdu gara sonaatti jijjiiruun imala badhaadhinaa eegalame milkeessuun hojii keenya ijoo waggoota itti aananiiti jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Imaanaa ummataa fi waan Itiyoophiyaan nurraa eegdu itti gaafatamummaa olaanaan bahuuf ni hojjenna jedhan.
Kaabineen amma hojii eegale Itiyoophiyaan nagaa fi diinagdee cimaa akka qabaattu gochuu keessatti dirqama olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaaleem Niguseen himaniiru.
Hojiilee waggoota darban keessa hojjetaman caalmaatti cimsuun tajaajila fayyaa bu’aa qabeessaa fi waaraa ta’e taasisuuf nan hojjedha jedhan Ministira Ministeera Fayyaa ta’uun irra deebiin kan muudaman Dooktar Maqdas Dhaabaan.
Yeroo itti aanu dameen fayyaa jijjiiramaa fi guddinaa olaanaa akka galmeessu tokkummaa, kalaqaa, tumsaafi kutannoo cimaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessan.
Siifan Magarsaatiin
#MootummaaIda’amuu