Marichi waadaa cimaan kan ittiin uumamudha- Komishinar Yoonaas Adaayyee

Finfinnee, Adoolessa 8, 2018(FMC)- Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa seenaa biyyattii keessatti iddoo guddaan kan kennamuuf uummataafi mootummaa gidduutti waadaa haaraafi amanamaan kan itti uumamudha jedhan Komishinarri Komishinichaa Dooktar Yoonaas Adaayyeen.

Dooktar Yoonaas Adaayyeen turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin, mariin biyyaalessaa nageenya ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasanii, adeemsa isaa hammataa gochuuf balballi komishinichaa banaa akka ture yaadachiisaniiru.

Siyaasa Itiyoophiyaa keessatti garaagarummaafi rakkooleen wayita uumaman gara bosonaatti osoo hin taane gara mariitti akka dhufu gochuun milkaa’ina guddaa adeemsa marichaa ta’uu eeraniiru.

Yaa’ii marii biyyaalessaa guyyaa har’aa eegalamerratti qabdoonni qaboo yaa’ii naannolee hundarraa walitti babba’an 180 sagalee uummataa walabummaafi gahumsa ogummaan kan galmeessan ta’uu kaasan.

Waltajjiin seena qabeessi kun aadaa marii Itiyoophiyaa guddisuun egeree waloo isaanii akka bocataniif abdii haaraa uumeeras jedhan.

Qiddist Zawduun.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment