Finfinnee, Eebila 12, 2018 (FMC) – Waraana Giddu-galeessa Bahaa dhaabuuf mariin marsaa lammaffaa Ameerikaa fi Iraan Paakistaan keessatti geggeeffama jedhame hanga ammaatti gaggeeffamuu isaa mirkaneessuun hindanda’amne.
Preezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi akka beeksisanitti, Preezidentii Itt-aanaan Jee Dii Vaans jila Ameerikaa dursuun marii kanarratti hirmaachuuf gara Islamaabaaditti imala eegalaniiru.
Haa ta’u malee, gama Iraaniin jilli marii kanarratti hirmaatu hanga ammaatti ifa akka hin ta’inii fi marii kanarratti hirmaachuuf karoorri akka hin jirre gabaasni BBC ni agarsiisa.
Sababni kanaas, Humni Galaanaa Ameerikaa galoo Galaanaa Omaan irratti doonii alaabaa Iraan fannifstte tokko irratti dhukaasa banuun to’annoo jala oolchuu ta’uutu eerame.
Gabaasni CNN akka agarsiisuttis, walii galteen dhukaasa dhaabuu qaamolee lamaan gidduutti godhamee torbanoota lamaaf akka turu himame, Roobii galgala akka xumuramuufi dabalataan dheeressuun akka hin danda’amne Preezidenti Tiraamp ibsaniiru.
Marii marsaa jalqabaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamee bu’aa malee addaan cite keessatti, dhimmi guddaan walii hin galchisne inni tokko sagantaa Niwukileeraa Teehraan akka ta’e himameera.
Pireezidanțiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan biyyi isaanii mootummaa Ameerikaa irratti amantaa akka hin qabne ibsanii, waadaa galan kabajuun marii hiika qabuuf bu’uura ta’uu ibsan.
Mallattooleen amanamoo hin ta’inii fi walitti bu’oon qondaaltota Ameerikaa irraa dhufan ergaa hadhaa’aa dabarsu; Iraanis harka akka kennattu barbaadu jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.
Adimaasuu Arraagaawu
#Oromia #Ethiopia