Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa biyya bu’uura cimaarratti hundeessuuf tarkaanfii seena qabeessa- TKM

Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’ate fi tarkaanfii seena qabeessaafi tarsiimawaa biyya bu’uura cimaa irratti hundeessuuti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi ibsa baaseen, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannolee garaagaraatti filannoo bakka bu’ootaa milkaa’inaan xumuruun fi ajandaalee marii biyyaalessaaf oolan bal’inaan sassaabuun hojiilee waliigaltee hirmaachisaafi waaraaf oolan hojjechuu ibseera.

Komishinichi tattaaffii bakka buutonni hawaasaa sadarkaa hundarra jiran adda baasuuf taasiseen kutaaleen hawaasaa garaagaraa, abbootiin amantaa, paartileen siyaasaa, waldaaleen siiviikiifi waldaaleen ogummaa garaagaraa dammaqinaan akka hirmaatan gochuun adeemsichi hammataafi bu’uura uummataa akka qabaatu taasiseera jedhe.

Adeemsa ajandaa walitti qabuunis bu’aalee qabatamaan galmaa’uu eeruun, dhimmoonni biyyaalessaa waggoottaniif falmisiisaa turan gara marii akka dhufan taasisuu ibseera.

Adeemsa marii keessatti paartileen siyaasaa 50 ol akka hirmaataniifi ajandaalee isaanii akka dhiyeessan tattaaffiin godhame milkaa’inoota hammattummaa marichaa agarsiisan keessaa tokko ta’uus eereera.

Adeemsa ijaarsa diimokiraasii biyyattii keessattis aadaa waldhaggeeffachuu guddisuufi akka boqonnaa guddaatti kan fudhatamu ta’uu akkasumas jalqabbii gaarii garaagarummaa olaantummaa yaadaan furuun akka danda’amu kan agarsiisu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment