Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Mariin nageenyaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti har’a Siwiizarlaanditti gaggeeffamuuf ture dheerateera.
Biyyoonni lamaan torbanootaaf marii erga gaggeessanii booda waliigaltee abbaa qabxii 14 irra gahuu hordofee waliigaltee dhumaa taasisuuf har’a mariin nageenyaa kan eegalu ta’uu ibsamee ture.
Haa ta’uutii Ministeerri Dhimma Alaa Siwiizarlaandi ibsa baaseen, mariin Ameerikaa, Iraan, Kaataarii fi Paakistaan hirmaachisuun har’a gaggeeffamuuf ture yeroo hin murtoofneef dheerachuu himeera.
Ministeerichi marichi maaliif akka dheeratee fi yoom akka gaggeeffamu hin ibsine.
Ibsa Ministeera Alaa Siwiizarlaandi dursee Ittaanaan Pireezidaantii Ameerikaa JD Vaanis marichaaf imala gara Siwiizarlaandi taasisuuf turan haquu ibsanii turan.
Kunis Ameerikaa fi Iraan gidduutti nageenya waaraa buusuuf adeemsa jirurratti dhiibbaa fiduu danda’aan sodaa uumeera.
Gama Iraaniin hanga ammaatti wanti dubbatame kan hin jirre ta’uu Reuters gabaaseera.
Birhaanuu Abarraatiin
#Oromia #Ethiopia