Mariisitoota Yaa’ii marii biyyaalessaaf leenjiin kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojiilee qophiin duraa yaa’ii marii biyyaalessaa cimsee itti fufeera.

Guyyaa har’aas Mariisitoota Yaa’ii marii biyyaalessaaf leenjii marsaa 2ffaa Finfinneetti kennuu eegaleera.

Komishinarri Olaanaan Komishinicha Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana, kaayyoon leenjichaa mariisistoonni adeemsa marii hammataafi walabaa akka saffisiisaniif beekumsaafi ogummaa idil-addunyaa akka qabaatan gochuuf ta’uu hubachiisan.

Itiyoophiyaatti Qindeessaan Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii Saamu’eel Doo’ee gamasaaniin, bu’aa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni hawwiin eegaa jiran dhugoomsuuf hojii komishinichi hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Mariisistoonni yaa’iin marii biyyaalessaa qajeeltoo marii biyyaalessaa eeguun akka gaggeeffamuuf leenjii fudhatanitti fayyadamuun dirqama isaanii akka bahatan amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddaroonni biyyoota tumsitootaa waltajjicharratti hirmaatanis bu’aa qabeessummaa boqonnaa mariif deeggarsa maallaqaa, dippiloomaasiifi teeknikaa taasisaa jiran cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Leenjichi guyyoota torbaaf kan turu ta’uu ragaan Komishinichaa ni mul’isa.

‎#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment