Masoob -Tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa ta’eef

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu tajaajilli uummataaf kennamu saffisaa fi bu’a qabeessa akka ta’uuf, teeknooloojii akka meeshaa ijoo tokkootti fayyadamuun jijjiirama bu’uuraa fidaa jira.

Yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabe tajaajilli giddugala tokkoo Masoob, tajaajila bakka tokkoo kennuun rakkina fi deddeebii lammiilee hir’isuufi adeemsa hojii mootummaa ammayyeessuu keessatti jijjiirama qabatamaa fiduu irratti argama.

Giddugalichi sirna hojii teeknooloojiin deeggarame bakka tokkootti dhiyeessuun, lammiileen tajaajiloota barbaadan bakka tokkootti haala saffisaa, qulqulluu fi mijataa ta’een akka argatan gargaareera.

Kunis tajaajila mootummaa saffisiisuu bira darbee adeemsi hojii waliigalaa iftoomina akka qabaatuuuf malaammaltummaa fi sirna hojii badaa ittisuuf gahee olaanaa qabaachuu danda’eera.

Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Masoob Federaalaa, Yoonas Alamayyoo akka ibsanitti, tajaajilli mootummaa qaawwa guddaa adeemsaan  jijjiiramuu fi fooyya’uu qabu waan ta’eef,  tajaajila bakka tokkoo Masoob hundeessuun barbaachisaa ta’eera.

Tajaajiloota dijiitaalessuu qofa osoo hin taane, tajaajiloota mootummaa bakka adda addaatti faca’anii turan gara giddugala tokkootti fiduun tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessi kennamaa jira.

Giddugalichi tajaajiloota mootummaa adda addaa qindeessuun lammiileef bakka tokkootti dhiyeessaa jira. Kunis bu’a qabeessa ta’uu isaa agarsiisa.
Tajaajiloota qindeessuu qofa osoo hin taane, tajaajilli lammiileef kennamu quufsaa akka ta’uuf gochuunis kaayyoo ijoo giddugalichaa keessaa tokko yoo ta’u, gama kanaanis bu’aa gaarii galmeessaa jira.

Tajaajilli bakka tokkoo Masoob sadarkaa biyyaalessaatti giddugaloota 110 ol kan qaqqabe yoo ta’u hanga ammaatti lammiilee miliyoona 1.6 ol tajaajiluu danda’eera.

Fedhii lammiilee tajaajilaa saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een guutuufis haalota tajaajilaa garaagaraa hojiirra oolchaa jira.

Lammiilee qaamaan gara giddugalichaatti dhufuu hin dandeenye bira ga’uuf tajaajilli moobaayilaa fi tajaajilli socho’aan jalqabameera.

Haaluma kanaan, sadarkaa federaalaatti tajaajiloonni  socho’aa Masoob lama, Magaalaa Finfinneetti immoo tokko, waliigalaan tajaajiloonni socho’aan  Masoob sadii hojii jalqabaniiru.

Dabalataanis, tajaajila onlaayinii fi appilikeeshiniiwwan fayyadamuun tajaajiloota mootummaa lammiileef dhiyeessaa jiru.
 
#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment