Michummaa Itiyoophiyaafi Faransaay cimaa dhufe

Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Seenaa dippiloomaasii waggoota 129 kan qaban Itiyoophiyaafi Faransaay tumsi gama maraan qaban guddachaa dhufeera.

Jijjiiramaan asitti michummaan biyyoota lameenii daawwannaa fi mariiwwan gamlameen daran jabaachaati kan dhufe.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad bara 2011 wayita gara Awurooppaatti daawwannaa taasisan iddoon ga’umsa isaanii jalqabaa Farnasaay ture.

Wayita sana Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ajandaalee waloo: shororkeessummaa ittisuu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti waloon hojjechuuf waliigaluun kan yaadatamudha.

Daawwannaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad kana booda Pirezidaanti Imaanu’eel Maakroon guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisnii turan.

Imaanu’eel Maakroon wayita Itiyoophiyaa daawwatanii turanitti dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf waliigalteewwan mallatteessaniiru.

Waliigalteewwan kanneen keessaa hojii haaromsa Manneen Amantaa Kiristaanaa Laallibalaaf Faransaay deeggarsa ogummaafi maallaqaa taasisuun tokko yoo ta’u, Imaanu’eel Maakroon wayita sana manneen amantaa kanneen daawwatanii turan.

Waggoota afuriin booda bara 2015 Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Faransaayitti daawwannaa hojii taasisuunis kan yaadatamudha.

Wayita sana Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hariiroo diinagdeefi invastimantii biyyoota lameenii cimsuuf Pirezidaanti Imaanu’eel Maakroon waliin mari’ataniiru.

Yeroo ammaa kana hariiroon diinagdee biyyoota lameenii jabaachaa dhufeera.

Dhaabbileen Faransaay hedduun Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantii garaagaraa keessatti bobba’uun lammiilee biyyattii kumaatamatti lakkaa’amaniif carraa hojii uumuu ragaaleen ni mul’isu.

Daldalaan Itiyoophiyaan oomishaalee qonnaa keessumaa buna gara Faransaayitti kan ergitu yoo ta’u Faransaay ammoo meeshaalee geejjibaafi yaala fayyaa gara Itiyoophiyaatti ergiti.

Biyyoonni lameen dameewwan Siivil Aviyeeshinii, Geejjiba Qilleensarraa fi Bu’uuraalee Misoomaan tumsa qaban cimsuuf waliigaluun hojjechaas jiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment