Milkaa’ina Filannichaaf Deeggarsa Walitti Fufiinsa Qabu Nan kenna – IGAD

Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afriikaa (IGAD) milkaa’ina filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamuuf deeggarsa walitti fufiinsa qabu akka kennu beeksise.

Filannichi bilisa, diimokraatawaa, haqa-qabeessa, amanamaa fi hunda-galeessa akka ta’uuf qooda isaa akka bahu mirkaneesseera.

IGAD fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti akka ibsetti, Jilli taajjabdootaa IGAD Gamtaa Filannoo Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta’uun, dhimmoota adeemsa filannichaa deeggaruun danda’amurratti mari’ateera.

Mariichaan, qooda hawaasni siivilii adeemsa diimokiraasii, qophii filannoo fi naannoo filannoo taajjabuu keessatti qabu ilaalchisee akka mari’atame kaaseera.

Filannoo amanamaa fi hunda-galeessa ta’e gaggeessuuf barnoonni siivikii filattootaa baay’ee barbaachisaa ta’uun marichaan akka ka’e eerameera.

Marichi, qaama deggersaa IGAD Itiyoophiyaatti filannoon bilisa, diimokiraatawaa, haqa-qabeessa, amanamaa fi hunda-galeessa ta’e akka jiraatuuf walitti fufiinsaan kennuu ta’uunis ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment