Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Rippaabilika Sudaan Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee , Ebla 16, 2018 (FMC) – Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Rippaabilika Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayaardiit waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, pirezidaantii Rippabiliika Sudaan Kibbaa Saalvaa kiir Maayaardiit waliin dhimmoota misooma waloo fi naannawicha toora qabsiisan irratti maree gamlamee geggeessineerra jechuun ibsaniiru.

Guddinaa fi fayyadamummaa biyyoota lamaanii irratti odeeffannoo waljijjiiruu ibsanii, walitti-hidhamiinsa dinagdee tumsa cimaa fi inveestimeentiin deggeruun dhimmoota carraawwan babal’isuun ittiin danda’amu irratti maree bu’a-qabeessa geggeessineerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment