Misooma Inarjii Nukleerii Siiviilii Iraaniif deeggarsa Chaayinaa…

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Chaayinaan Misooma Inarjii Nukleerii Siiviilii Iraaniif deeggarsa taasisuu itti fufti jedhan Ministirri Alaa Chaayinaa Waangi Yuun.

Ministirri Alaa Chaayinaa Waang Yuun Ministira Alaa Iraan Abbaas Araagichii waliin Beejingitti mari’atan.

Iraan meeshaa Nukleerii waraanaa gabbisuu dhiisuuf waadaa galteef murannoo agarsiifte Chaayinaan ni dinqisiifatti jedhan Waangi Yuun.

Iraan Inarjii Nukleerii tajaajila misoomaaf oolu gabbisuu mirga guutuu qabaachuu eeruun, kanaafis Chaayinaan deeggarsa taasisuu itti fufti jechuun dubbatan.

Erga waraanni Ameerikaa – Israa’eelii fi Iraan eegalee Ministirri Alaa biyyoota lamaanii yoo xiqaate yeroo sadiif bilbilaan waliin mari’achuu gabaasni Niwuus Week ni mul’isa.

Erga waraanni eegalee qaamaan wal arguun mari’achuun kun isa jalqabaati.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment