Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) –Itiyoophiyaan bara dhufu Yaa’ii 32ffaa Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii keessummeessuuf filatamuun ishee, milkaa’ina dippiloomaasii jijjiirama qilleensaa guddaa ta’eedha.
Akkasuma qabeenya tuurizimii ishee addunyaatti beeksisuun maqaa gaarii biyyaalessaa ijaaruuf carraa guddaadha.
Hoggantoota biyyootaa dabalatee, hirmaattonni kumni 80 ol, akkasumas miidiyaaleen idil-addunyaa gara Finfinneetti kan dhufan yoo ta’u, yaa’ichaan dandeettii tuurizimii biyyattiin qabdu addunyaatti agarsiisuun daawwattootaa fi invastimantii kallattii hawwachuuf waltajjii mijataadha.
Itiyoophiyaan biyya hambaalee seenaa kan UNESCO’n galmaa’an, seenaa durii fi aadaa garaagaraa hedduu qabduudha.
Akkasumas, bakka argama dhala namaa, madda bunaa, biyya atileetota jajjaboo, akkasumas teessuma lafaa uumamaa hawwataa ta’een badhaateedha.
Yaa’ii idil addunyaa kana milkiin keessummeessurra darbee damee turizimii waaraan guddisuuf kan dandeessisu haala mijataa uumuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechuun barbaachisaadha.
Muuxannoon biyyoota kanaan dura yaa’ii qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii keessummeessanii akka agarsiisutti, biyyoonni kunneen qophiiwwan yaa’ichaaf yeroo murtaa’eef taasifaman gara bu’uuraalee misoomaa fi Indaastirii itti fufiinsa qabuutti jijjiiruun, faayidaa guddaa argachuu danda’aniiru.
Itiyoophiyaattis Giddu-galoonni walga’ii ammayyaa, hoteelonni, tajaajiloonni geejjibaa fi tajaajiloonni dijitaalaa COP32’f ijaaramanii fi qophaa’an, Itiyoophiyaan bakka gahumsa tuurizimii konfiraansii (Conference Tourism) ta’uu ishee daran guddisuu fi addunyaatti beeksisuuf carraa ni uumu.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa