Misoomni qarqara lagaa Inxooxxoo- Madaanaalamii Qacanee haala bashannanaafi daldalaaf mijatuun ijaarame- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 25, 2018(FMC)- Misoomni qarqara lagaa Riqicha Adurree (Inxooxxoo) irraa hanga Madaanaalamii Doobbii ( Qacanee) haala bashannana, daldalaafi taateewwan hawaasummaaf mijatuun ijaarame jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa barii filannoo misoomni qarqara lagaa Riqicha Adurree (Inxooxxoo) – Madaanaalamii Doobbii (Qacanee) Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun uummataaf banameera jedhan.

Pirojektichi qabiyyee uumamaa naannawichaa deebisuufi siidaawwan fi bobbocawwan aadaa hojii hawaasa naannawichaa mul’isaniin; haala hawwataafi dinqisiisaa ta’een ijaaramee xumuramuu ibsaniiru.

Naannawichi Kanaan dura jireenyaaf kan hin mijanne ta’uus kaasaniiru.

Misoomni qarqara lagaa kun lafa heektaara 597 fi kiiloomeetira 9.6 kan uwwisu ta’uu eeruun, haala bashannanaaf, daldalaafi taateewwan hawaasummaa garaagaraaf mijatuun ijaaramuu ibsaniiru.

Hojii qonna magaalaan lafti heektaarri 15 magariisaan uwwifamuu, kan hafe ammoo gaagura ammayyaa 210’n horsiisa kanniisaa ammayyaan, Gaardenii Abaaboon fi Gaardenii biqiltuun misoomuu eeraniiru.

Misoomni qarqara lagaa kun bu’uuraalee misoomaa:-

👉 Daandii konkolaataa kiiloomeetira 6.4,

👉Daandii Biskileetii kiiloomeetira 8,

👉Daandii imaltoota lafoo kiiloomeetira 22,

👉Daandii Haayikiingii kiiloomeetira 4,

👉 Cheek Daamii 39,

👉Riqichawwan konkolaataa haaraa 2,

👉 Riqichawwan konkolaataa haaromfaman 3 akka hammatu eeraniiru.

Jiraattonni magaalichaa pirojektichatti akka tajaajilamaniifi kunuunsan dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment