Mohaammad Saalaan kilaba Turkii Tiraabzonspooritti makame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Taphataan kubbaa miilaa beekamaan biyya Ijipti Mohaammad Saalaan jijjiirraa bilisaan kilaba Turkii Tiraabzonspooritti makameera.

“Mootii Fara’oonotaa” jedhamuun kan beekamu taphataan waggaa 34 kun, bara dorgommii darbe keessatti kilaba Liivarpuul waliin yeroo gaarii dabarsuu hin dandeenye.

Dhuma bara dorgommichaattis kilabicha irraa adda bahuun isaa ni yaadatama.

Kilaboonni Liigii Piroo Saa’udii hedduun isa barbaadaa kan turan ta’us, Saalaan filannoo isaa Tiraabzonspoor taasisuun kilaba Turkii kana waliin waliigaltee waggaa lamaaf mallatteesseera.

Saalaan gara Liigii Piroo Saa’udiitti ni makamaan eegamaa ture.

Haa ta’u malee, Turkiin filachuun isaa ijoo dubbii ta’aa jira.

Abeel Niwaayiin

Comments (0)
Add Comment