Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu mootummaa hawaasaaf hojjetu qofa osoo hin taane, mootummaa hawaasa waliin hojjetudha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Mootummaan cimaa hawaasaa bakka bu’ee hojii hunda ofiin raawwatu miti; humna hawaasa keessa jiru adda baasuun, sirneessuunfi gara dandeettii oomishtummaatti jijjiiruun eenyummaa mootummaa cimaa ta’a. Hawaasni kamuu mootummaa dura jiraataa ture.
Qaroominni hawaasaa; beekumsa, wal-amantaa, wal-tumsa, itti-gaafatamummaafi dandeettii taasisuu dhalootaa irraa dhalootatti kuufame qaba. Gaheen mootummaa kana bakka bu’uu osoo hin taane, sirna keessatti qindeessuun gara humna misoomaafi badhaadhina waaraatti ceesisuudha.
Hubannoon kun Mootummaa Ida’amuu keessatti bu’uura yaadaadha. Mootummaan misooma mara ofiin raawwachuu irra, mootummaafi hawaasa walitti fiduun dandeettii hawaasaa gara hojii waloo bu’a qabeessaatti qajeelcha. Yeroo humni hawaasaa qindaa’u, wal-amantaan ni cimata; wal-amantaan yeroo cimu qindoominni ni guddata; qindoominni ammoo dandeettii taasisuu hawaasaa gara dandeettii oomishtummaatti jijjiira.
Kanaaf, bu’aan mootummaa hojii mootummaa qofaatiin kan madaalamu osoo hintaane, hawaasa qindeessuun rakkoo isaa irratti furmaata ofii uumuu danda’uu isaatiin madaalamuu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hubannoo kanaan, duudhaa oromummaatti deebi’uun, halkaniifi guyyaa hojjechuun, waan hundaan dorgomaa ta’uun, qulqullummaafi tumsa irratti dabaluun gara hojii qabatamaatti hikuuf hojji bal’aa hojjechaa jira. Kaayyoon, duudhaa deebisanii dhaabuu qofa miti; kaappitaala qaroominaa keessa jiru adda baasuun, sirna mootummaa ammayyaa keessatti hojii irra oolchuufi humna hawaasummaa gara humna misoomaatti jijjiiruudha. Kanaaf, Sirni Gadaa akka yaadannoo seenaa qofaatti osoo hin taane, kaappitaala qaroominaafi hawaasummaa dhaloota ammaafi dhufuuf ooluutti fudhatamee hojjetamaa jira.
Bu’uuruma kanaan, Humnoonni Waloo dhaabbilee hawaas-mootummaa ammayyaa ta’anii kaappitaala qaroominaa gara hojii qabatamaatti ceesisuuf ijaaramaa jiru. Tajaajilli Lammummaa itti-gaafatamummaa hawaasaa gara humna hojii walootiitti qindeessa; Manneen Murtii Aadaa duudhaa haqaa, araaraafi nageenyaa gara sirna haqa ammayyaatti ceesisuuf tajaajilu. Buusaan Gonofaa sirna wal-deeggarsaa gara humna damdamannaafi nageenya hawaasaatti jijjiira; Gaachanni Sirnaa ammoo duudhaa nageenya hawaasummaa gara humna eegumsa sirnaafi nageenya walootti qindeessa. Isaan hundi kaayyoo tokko qabu: humna hawaasaa faca’ee jiru gara humna hawaas-mootummaa qindaa’eetti jijjiiruu.
Kanaaf, kallattiin siyaasaafi misoomaa Oromiyaa qabeenya uumamaa qofa irratti hin hundaa’u. Qabeenyi guddaan ummataa lafa, bishaaniifi albuuda qofa osoo hin taane, kaappitaala qaroominaa, beekumsaa, duudhaa, wal-amantaafi dandeettii waloon hojjechuu hawaasa keessatti kuufameedha. Mootummaan gahee isaa sirnaan yoo ba’e, kaappitaalli kun gara dandeettii oomishtummaatti, dandeettiin oomishtummaa gara kaappitaala dinagdeetti, kaappitaalli dinagdee ammoo gara badhaadhina waaraatti jijjiirama. Kana jechuun, Mootummaan Ida’amuu mootummaa hawaasaaf hojjetu qofa osoo hin taane, mootummaa hawaasa waliin hojjetudha. Imalli Oromiyaa gara seenaa qofaatti deebi’uu miti; humna seenaa irraa dhalate gara sirna omishaa, hojii, oomishtummaa, dorgomtummaafi badhaadhina dhalootaatti hiikuudha.
#Oromia #Ethiopia