Finfinnee, Fulbaana 7, 2019 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa caalmaatti si’eessuuf dhaabbilee garaagaraa ijaaraa jira jedhan Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa.
Godina Gujii Lixaatti Gamoon “Galma Tokkummaa bakka Obbo Saadaat Nashaa, Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee akkasumas Bulchaan Godina Gujii Lixaa Obbo Adulaa Hirbaayyee fi keessummoonni Naannoo fi Federaalaa argamanitti eebbifamuun tajaajila eegaleera.
Gamoon Galma Waltajjii kun Hirmaannaa Hawaasaa Birrii miiliyoona 900 oliin ijaarame xumuramuun ibsameera.
Sirna eebbicharratti Obbo Saadaat Nashaa akka ibsanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasni tajaajila si’ataa fi Haqa qabeessa akka argatuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira.
Mootummaa Ijaarsa Piroojektoota aadaa taasisaa kan dhufee fi Qulqullina olaanaan hojjechaa jiraachuu Galmi Tokkummaa kun agarsiistuudhaa jedhan.
Bulchaan Godina Gujii Lixaa Obbo Adulaa Hirbaayyee gama isaaniin gaaffii bulchiinsa gaarii yeroo dheeraa kan ture Galmi Waltajjii Hirmaannaa Hawaasaatiin ijaaramuu ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Godinichaa ni mul’isa.