Finfinnee, Caamsaa 18, 2018(FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa, pirojektoota qulqullina, ariitii fi baay’inaan hojjechuun madda komii uummataa furuun hariiroo mootummaa fi uummataa cimsaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.
Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Matahaaratti Pirojektoonni garaagaraa eebbifamaniiru.
Pirojektootni eebbifaman kunneen, Indaastirii Godoo, Mana daabboo, Laabraatoorii Uummataafi Iddoowwwan Bashannanaa Qarqara Haroo Basaqaa ta’uun eerameera.
Obbo Hayiluu Addunyaa haasawaa eebba pirojektoota kanneeniirratti taasisaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektoota qulqullina, ariitii fi baay’inaan hojjechuun madda komii uummataa furuun fayyadamummaa uummataa dhugoomsaa jiraachuu ibsan.
Kunis mootummaa fi uummata gidduutti hariiroo cimsuun, imala karoora badhaadhinaa qabame milkeessaa jiraachuu eeraniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo gamasaaniin, pirojektoonni kunneen rakkoo hawaas-diinagdee uummataa furuun fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuu keessatti shooraa olaanaa kan qaban ta’uus ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia