Mootummaan Naannoo Oromiyaa hudhaalee kenniinsa tajaajilaa furuuf tarkaanfilee gurguddoo fudhachaa jira – Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 16, 2018(FMC) -Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, hanqinoota kenniinsa tajaajilaa seenaa kaleessaa bu’ureffatan furuuf tarkaanfilee gurguddoo fudhachaa akka jiru Pirezidaantiin Nannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Obbo Shimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin kana kan jedhan.

Mootummaan naannichaa milkaa’inni galmoota qabsoo Oromoo sadarkaa kenniinsi tajaajilaa itti ammayyaa’en akka murtaa’u kan amanu ta’uus dubbatan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera:

RIIFOORMII TAJAAJILAA: WIIRTUU 1FFAA Irraa Gara WIIRTU-MALEESSA 2FFAAtti

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, milkaa’inni galmoota qabsoo Oromoo sadarkaa kenniinsi tajaajilaa itti ammayyaa’en akka murtaa’u amana. Rakkoon kenniinsa taajaajila mootummaa madda seenaa qaba. Sirnoonni darban hedduun tajaajilaaf osoo hintaane to’annoofi qabeenya adamsuu (rent-seeking) irratti kan ijaaraman turan. Kun ammoo misoomni ummataa, abjuun hawaasaa, maatiifi nama dhuunfaa akka gufatu akkasumas amantaa lammiileen mootummaa irratti qaban akka laafu taasisaa tureera.

Hudhaalee kana hundeerraa buqqisuuf qorannoo baldhaa taasifneen, furmaata gurguddaa lama hojiirra oolchaa jirra:

1. 𝐖𝐈𝐈𝐑𝐓𝐔𝐔 𝐓𝐀𝐉𝐀𝐀𝐉𝐈𝐋𝐀 𝐓𝐎𝐊𝐊𝐎𝐅𝐅𝐀𝐀 (𝐎𝐧𝐞-𝐒𝐭𝐨𝐩-𝐒𝐡𝐨𝐩)

Tajaajiloota bittinnaa’oo, hojimaata walfaallessaniin hoogganamaniifi tuttuqaan namaa ittibaay’atu, wiirtuu tokkotti fiduun teknoolojiin deeggarree kennuu eegalleerra. Misooma bu’uuraalee dijitaalaafi siistama istaandaardii ofiinii (automated) guutuun, tuttuqaa namaa, harkifannaa, fi adda-citiinsa irraa bilisa taasifneerra. Gurmaa’insa kana marsaa sadiin hojiirra oolchaa jirra:

𝙼𝚊𝚛𝚜𝚊𝚊 𝟷𝚏𝚏𝚊𝚊: Magaaloota 5 (Adamaa, Shaggar, Bishooftuu, Shashamanneefi Jimma) keessatti banuun sektaraalee federaalaa 5’fi kan naannoo 32 walitti qindeessuun gosoota tajaajilaa 160 kennaa jirra.
𝙼𝚊𝚛𝚜𝚊𝚊 𝟸𝚏𝚏𝚊𝚊: Magaaloota jalqabaa shanan keessatti wiirtuulee dabalataa 12, akkasumas magaaloota dabalataa/haaraa 14 keessatti Wiirtuulee Tajaajila 1faa tokko tokko babaldhisaa jirra. Marsaa lameeniin lakk. wiirtuulee keenyaa gara 31’tti guddisuu dandeenyerra.
𝙼𝚊𝚛𝚜𝚊𝚊 𝟹𝚏𝚏𝚊𝚊: Magaaloota godinaalee 61 ta’an keessatti hojiirra oolchuuf sochiin eegalameera. Dhuma marsaa kanaa irratti wiirtuulee 100’tti dhiyaatan keessatti tajaajila qulqulluu kan kenninu ta’a.

2. 𝐖𝐈𝐈𝐑𝐓𝐔𝐔-𝐌𝐀𝐋𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀 𝐓𝐀𝐉𝐀𝐀𝐉𝐈𝐋𝐀 𝟐𝐅𝐅𝐀𝐀 (𝐍𝐨𝐧-𝐒𝐭𝐨𝐩-𝐒𝐡𝐨𝐩)
Wiirtuun Tajaajila 1ffaa (One-Stop-Shop) irra caala iddoo qaamaan argamanii tajaajila ittargatanidha. Wiirtuun Tajaajila 2ffaa gulantaa isa itti’aanudha. Tajaajiloota guutummaatti dijitaalessuun wiirtuu (One-Stop-Shop) irraa gara “wiirtu-maleessaatti” (Non-stop-shop) ceesisuudha. Lammiileen bakka jiranii tajaajila akka argatan dandeessisuudha. Bu’uuruma kanaan, Wiirtuuleen Tajaajila 1ffaa, lammiilee gara isaanii dhufaniif tajaajilaa kennuu cinaatti, 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐭𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 baldhinaan kennuun Wiirtuu Tajaajila 2ffaaf qopheessaa jiru.

Wiirtuulee magaalota Shananiitiin, hanga ammaatti, namoonni kumoota kudhaniin lakkaa’aman karaa toorarraa (online) tajaajila argataniiru. Kana malees, mosaajifi sirna qindaa’aa diriirsaa jirruun, abbaan dhimmaa Wiirtuu 1ffaa Shaggar ykn Agaaroo jiru tokko, sanada isaa Adaamaa ykn Bulee Horaa jiru tokko toorarraan argatee tajaajilamuu danda’a.

Tajaajilamtoota gara wiirtuutti dhiyaachuu hindandeenyeef ammoo manaa manatti tajaajila kennuu jalqabneerra. Magaalaa Shaggar yoofudhanne, tajaajila socho’aa kennuu jalqabeen, konkolaataa tokko irratti, guyyaatti hanga namoota 853, waliigala namoota 13,431 tajaajiluu danda’eera.

3. 𝐉𝐈𝐉𝐉𝐈𝐈𝐑𝐀𝐌𝐀𝐀𝐅𝐈 𝐁𝐔’𝐀𝐀 𝐀𝐁𝐃𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

Safartuun keenya guddina lakkoofsa wiirtuulee ykn tajaajiloota kennamaa jiran qofa miti. Garaagarummaa yeroo, baasiifi qulqullina tajaajilaa, walumaagalatti si’atummaa “bureaucracy” duraafi booda galmaa’udha. Jalqabbiin keenya yeroo, baasii, hannaafi loogii yemuu hirdhisu, qulqullina/si’atummaa, dhaqqabummaa, simannaa invastimantiifi galii akka dabalu taasisaa jira.

Qorannoo bara 2017 taasifameen, ittiquufinsi tajaajila mootummaa %67 irra ture. Madaallii “QMS” bara 2018 taasifameen ittiquufinsi magaalota shananii giddugaleessaan %98, gaheera.

Akkuma yeroo hunda jennu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa madaalliin ittiquufinsaa inni dhumaa qorannoo keessoo ykn “QMS” osoo hintaane, 𝘫𝘦𝘤𝘩𝘢𝘢𝘧𝘪 𝘺𝘢𝘢𝘥𝘢 𝘥𝘩𝘶𝘨𝘢𝘢 𝘵𝘢𝘫𝘢𝘢𝘫𝘪𝘭𝘢𝘮𝘵𝘰𝘰𝘵𝘢𝘢𝘳𝘳𝘢𝘢 𝘮𝘢𝘥𝘥𝘶 𝘫𝘦𝘥𝘩𝘦𝘦 𝘢𝘮𝘢𝘯𝘢. Hanga ummanni keenya tajaajila isaa guutummaatti kabajaafi si’oominaan argatutti, hojiin riifoormii tajaajila ammayyeessuu keenya cimee ittifufa!

Comments (0)
Add Comment