Murannoo Mootummaan Ida’amuu Nageenyaaf qabu

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2019 (FMC)- Nageenyi bu’uura jireenya dhala namaati.

Akkasumas jireenya hawaasummaa, guddina diinagdee, misoomaa fi tokkummaa biyyaalessaatiif nageenyi meeshaa murteessaadha.

Nageenyi yoo jiraate lammiileen hojii isaanii nagaan hojjetu, barattoonni barachuu, qonnaan bultoonni oomishuu, akkasumas invastimantiin babal’achuu danda’a.

Haaluma kanaan,nageenya mirkaneessuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaati.

Mootummaan Ida’amuu nageenya kutaalee biyyattii mirkaneessuuf waamicha nageenyaa dhiyeessuu irra eegalee hanga olaantummaa Seeraa kabachiisuutti deemeera.

Keessattuu naannoo Tigraay keessatti, waliigaltee Piritooriyaa booda nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffii cimaa taasiseera.

Nageenya waaraa ijaaruu, jireenya hawaasaa deebisanii dhaabuu, tajaajiloota bu’uuraa haaromsuu fi wal amantaa qaamolee garaagaraa gidduu jiru cimsuurratti xiyyeeffannoon hojjeteera.

Haala kana keessatti murannoo Mootummaan Ida’amuu nageenyaaf qabu madaaluuf, ibsa mootummaa qofa osoo hin taane tarkaanfiiwwan qabatamaa, bu’aa isaanii fi jireenya lammiilee irratti mul’atan ilaaluun barbaachisaadha.

Waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa booda waraana dhaabuuf, deeggarsa namoomaa babal’isuuf, tajaajiloota bu’uuraa deebisanii dhaabuuf, akkasumas hidhattonni hiikkatanii gara jireenya isaanii idileetti akak deebi’aniif hojiileen hedduu hojjetamaniiru.

Mootummaan Naannoo Tigraayitti Bulchiinsaa yeroo hundeessuun tajaajiloota mootummaa deebisee eegalchiisuun ni yaadatama
.
Kaayyoon isaa nageenya tasgabbeessuu, tajaajiloota mootummaa deebisanii jalqabsiisuu, bu’uuraalee misoomaa suphuu, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuuf karaa dheeraa imaleera.

Mootummaan Ida’amuu karaa dheeraa nageenya naannichaa mirkaneessuuf imaluus, Gareen Seeraan Alaa ABUT gocha isaarraa barachuu hin dandeenye irra deddeebiin naannicha qormaataaf saaxileera.

Jiruuf jireenya hawaasaa gadaadoof, buqqaatiif akkasumas, rakkoo hawaasummaa fi diinagdeef saaxileera.

Dargaggoota, daa’immana umurii waggaa 15 gadii fi Dubartoota dirqamaan waraanatti galchaa tureera.

Namoota waraanaaf galuu didan sodaachiisuu, maatiin isaanii hidhuun darara qaqqabsiisaa tureera.

Gareen seeraan alaa ABUT humnoota badiinsaa waliin hiriiruun waraana hin fayyadne irra deddeebiin labsuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii Afaan Tigreen kaleessa taasisaniin dubbataniiru.

Mootummaan Federaalaa Naannoo Tigraayitti hojiiwwan raawwatamuu qaban hunda raawwachuu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, gareen seeraan alaa ABUT garuu waliigaltee sanaan faallaa ta’een meeshaalee waraanaa hiikkachiisuu irra meeshaalee waraanaa bitachuu fi kadhachuutti bobba’uu ibsaniiru.

Gareen seeraan Alaa ABUT namuusaa fi aadaa ummata Tigraay goonkuma kan hin qabne ta’uu Dooktar Abiy eeraniiru.

Ummanni naannichaa sababa ABUT gatii guddaa kaffaluu kaasaniiru.

Ummanni naannichaa gahee biyya ijaaruuf qabu kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad hanga filannoon idilee gaggeeffamee bulchiinsi hundeeffamutti ummataa fi dhaabbilee naannichaa eeguun barbaachisaa ta’uu akeekaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hoggantoonni siyaasaa fi waraanaa harka akka kennatan irra deebiin waamicha dhiyeessaniiru.

Kunis Murannoon Mootummaan Ida’amuu nageenyaaf qabu ifatti kan calaqqisisuudha.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGudda

Comments (0)
Add Comment