Muuxannoo Waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa biroof…

Finfinnee, Qaammee 5, 2018( FMC)- Waraqaan eenyummeessaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Zaambiyaa, Moozaambiik fi Burundiitti yaalii eegaluufi jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Sagantaa Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa obbo Yoodaahee Ar’aayaasillaaseen.

Waraqaan eenyummeessaa ‘Faayidaan’ qajeeltoo “namni tokko tokkichuma” jedhuun hojii galmeessaa fi mirkaneessaa eenyummaa diijitaalaa hojjechaa akka jiru kaasanii, Itiyoophiyaatti hangi namoota waraqaa eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaaf galmaa’an miiliyoona 50 gahuu ibsaniiru.

Kunis yakka ittisuuf, tajaajiloota diijitaalessuun saffisiisuuf akkasumas namoota dhuunfaa, dhaabbileefi qaamolee qooda fudhattootaa gidduutti hariiroo amansiisaa uumuuf akka gargaaru eeraniiru.

Hojii “Faayidaa” dhaabbilee tajaajila faayinaansii waliin walitti hidhuuf hojjetameen hanga ammaatti dhaabbileen mootummaa, dhuunfaa, Istaartaappii fi biroon 150 “Faayidaa” waliin walitti hidhamuu ibsaniiru.

Tajaajila eenyummeessaa “Faayidaan” hojiileen mirkaneessa eenyummaa miiliyoonni 200 ol hojjetamuus kaasaniiru.

Hojii giddugaloota galmee sadarkaa biyyaalessaatti babal’isuuf hojjetameen lakkoofsi buufataa kuma 12 irra gahuu kaasanii, hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 50 galmaa’uu ibsaniiru.

Sagantaan eenyummeessaa diijitaalaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa gara giddugala bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa bal’aa ta’etti guddachuun Invastimanti Hooldiingis Itiyoophiyaa jalatti akka dhaabbata misoomaatti hundaa’uus yaadachiisaniiru.

Kunis biyyoonni Afrikaa hedduun muuxannoo Itiyoophiyaa akka qooddataniifi tumsaan hojjechuuf gara sosochiitti akka seenan taasisuu ibsuu isaanii ENA gabaaseera.

Biyyoota fedhii agarsiisan keessaas muraasni waliigaltee mallatteessuu eeruun, eenyummeessaa dijitaalaa Faayidaa sadarkaa yaaliitti Zaambiyaa, Moozaambiik fi Burundiitti eegaluuf sosochiin eegalameera jedhan.

Sosochiin kun Afrikaanonni dandeettii ofiin fi waldeeggaruun ce’umsa diijitaalaa milkeessuu akka danda’an kan agarsiisu ta’uufi tumsa Kibba-Kibbaa cimsuuf qooda olaanaa akka bahatu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment